Publicidade

Mateus 26

Geetesemaanee

36 Ergasiis Iisaan barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, "Hamma ani achi dhaqee duʼaa godhutti isin as taaʼaa" jedheen. 37 Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe. 38 Ergasiis inni, "Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa" jedheen.

39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, "Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin" jedhee duʼaa godhe.

40 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; "Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee? 41 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."

42 Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, "Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu" jedhee duʼaa godhe.

43 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. 44 Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura duʼaa godhe sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa duʼaa godhate.

45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; "Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama. 46 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-