Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 6

Hin Yaaddaʼinaa

25 "Kanaafuu ani isinittin hima; Maal nyaanna yookaan maal dhugna?jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan maal uffanna?jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu? 26 Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também