Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 8

Amantii Ajajaa Dhibbaa

5 Yeroo Iisaan Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate; 6 "Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira."

7 Iisaanis, "Ani dhufeen isa fayyisa" jedheen.

8 Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 9 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, Deeminan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, Kottunan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, Waan kana hojjedhunan jedha; innis ni hojjeta."

10 Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne. 11 Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Ibraahim, Yisihaaqii fi Yaaʼikuub wajjin mootummaa shamaayʼun keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu. 12 Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa."

13 Iisaanis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, "Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!" jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye.

Veja também