11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawuditti namoota erge. Miikaal niitiin Daawud garuu, "Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta" jettee akeekkachiifte. 12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawudin gad buufte; innis baqatee miliqe. 13 Ergasii Miikaal fakkii waaqeffatamaa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
14 Yeroo Saaʼol Daawudin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, "Inni dhukkubsateera" jette.
15 Saaʼol akka isaan Daawudin ilaalaniif deebisee namoota ergee, "Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa" isaaniin jedhe. 16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin waaqeffatamaa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
17 Saaʼolis Miikaaliin, "Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?" jedhe.
Miikaalis, "Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe" jetteen.
18 Daawudis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.