Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamuʼeel 2

Hammina Ilmaan Eelii

12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; Rabbii Allaahas hin sodaatan ture. 13 Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee 14 beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan. 15 Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, "Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni" jedha ture.

16 Yoo namichi sun, "Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu" jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, "Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha" isaan jedha ture.

17 Cubbuun dargaggootaa kun fuula Rabbii Allaah duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii.

Veja também