Publicidade

1 Samuel 4

2 Filisxeemonni Israaʼeloota waraanuudhaaf loltoota isaanii hiriirsan; akkuma waraanni hoʼeenis Israaʼeloonni Filisxeemotaan moʼatamanii namoonni kumni afur dirree waraanaa irratti ajjeefaman. 3 Yommuu loltoonni Israaʼel qubatatti deebiʼanitti maanguddoonni Israaʼel, "Harʼa Rabbii Allaahan maaliif fuula Filisxeemotaa duratti akka nu moʼatamnu godhe? Akka inni nu wajjin deemee harka diinota keenyaa jalaa nu baasuuf taabota kakuu Rabbii Allaah Shiiloodhaa haa fidnu" jedhan.

4 Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu isa kiirubeel gidduu taaʼu sanaa fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaasis taabota kakuu Allaaha wajjin achi turan.

5 Yommuu taabonni kakuu Rabbii Allaah gara qubataatti galetti Israaʼeloonni hundinuu iyya gammachuu guddaa isaa iyyanii lafa sochoosan. 6 Filisxeemonnis yommuu iyya guddaa sana dhagaʼanitti, "Iyyi guddaan qubata Ibrootaa keessaa dhagaʼamu kun maali?" jedhanii gaafatan.

Yommuu akka taabonni kakuu Rabbii Allaah achi gale hubatanittis, 7 Filisxeemonni sodaatanii akkana jedhan; "Allaahan tokko gara qubata Ibrootaa dhufeera; nuuf wayyoo! Wanni akkasii taʼee hin beeku. 8 Nuuf wayyoo! Eenyutu waaqeffatamtoota jajjaboo kanneen harkaa nu baasa? Isaan waaqeffatamtoota gammoojjii keessatti dhaʼicha garaa garaatiin warra Gibxi dhaʼanii dha. 9 Yaa Filisxeemotaa jabaadhaa! Dhiirummaa keessanis argisiisaa. Yoo kanaa achii akkuma isin jara garboomfattan sana Ibroonni garba isin godhatu. Dhiirummaa keessan argisiisaatii lolaa!"

10 Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde. 11 Taabonni Allaaha ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-