Publicidade

Deuteronômio 13

Waaqeffatamtoota Biraa waaqeffachuu

1 Yoo nabiiʼiyyiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime, 2 yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, "Kottu waaqeffatamtoota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu" siin jedhe, 3 ati dubbii nabiiʼiyyii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Rabbii Allaahan kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii. 4 Rabbii Allaah keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-