3 Israaʼel waan bara dullumaa keessa isa dhalcheef ilmaan isaa hunda caalaa Yuusufin jaallata ture; innis qoloo faayeffame hojjeteef. 4 Obboloonni isaas yommuu akka abbaan isaanii isaan hunda caalaa isa jaallate hubatanitti Yuusufin jibban; afaan nagaas itti dubbachuu hin dandeenye.
28 Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yuusuf boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ismaʼiilootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan.