4 Yuusufis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne. 6 Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yuusuf jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture.
Yuusuf dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture;
9 Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Allaahatti cubbuu hojjedha ree?"
22 Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yuusufin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe. 23 Sababii Rabbii Allaahan isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yuusuf jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture.