3 Iisaanis akkana jedhee deebise; "Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Allaaha cabsitu? 4 Allaahan, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;15:4 Bau 20:12; KeD 5:16 namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’15:4 Bau 21:17; Lew 20:9 jedheeraatii. 5 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Allaahaf kennameera’ jedhee dubbate, 6 inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Allaaha busheessitu. 7 Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe:
8 " ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja;
garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
9 Isaan akkanumaan na waaqeffatu;
barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’ 15:9 Isa 29:13 "