Cubbuu Walitti Hojjechuu
15 "Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta. 16 Yoo si dhagaʼuu baate garuu ‘dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuuf’ nama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi. 17 Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.
18 "Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu shamaayʼun irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu shamaayʼun irrattis ni hiikama.
19 "Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan duʼaa godhan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni shamaayʼun irraa isaaniif taasisa. 20 Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."