Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 20

Gaaffii Haadha Ilmaan Zabdewoos

20 Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Iisaa dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.

21 Iisaanis, "Ati maal barbaadda?" jedheen.

Isheenis, "Akka ilmaan koo kunneen lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko mirga keetiin, inni kaan immoo bitaa keetiin taaʼu naa godhi" jetteen.

22 Iisaan immoo, "Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?" jedheen.

Isaanis, "Ni dandeenya" jedhanii deebisan.

23 Iisaanis, "Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti" jedheen.

Veja também