11 Innis, "Ilmaan kee hundi kanneenumaa?" jedhee Isseeyin gaafate.
Isseeyis, "Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira" jedhe.
Saamuʼeelis, "Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii" jedhe.
13 Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Rabbii Allaah humnaan Daawud irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.