Saaʼol Daawuditti Hinaafuu Isaa
1 Erga Daawud Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawuditti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate. 2 Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawudin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef. 3 Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawud wajjin kakuu seene.