20 Garuu nabiiʼiyyiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqeffatamtoota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu."
21 Ati garaa keetti, "Nu dubbii Rabbii Allaahan nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?" jetta taʼa. 22 Yoo wanni nabiiʼiyyiin tokko maqaa Rabbii Allaahatiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Rabbii Allaahan hin dubbatinii dha. Nabiiʼiyyiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.