12 Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata."
13 Qaabiil immoo Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol. 14 Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa."
15 Rabbii Allaahan garuu, "Akkana miti; namni Qaabiilin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama" jedheen. Rabbii Allaahanis akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaabiilitti mallattoo godhe. 16 Ergasiis Qaabiil fuula Rabbii Allaah duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.