Pular para o conteúdo
Publicidade

Uumama 45

5 Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Allaahan lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii. 6 Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru. 7 Allaahan lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge.

8 "Allaahatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe.

Veja também