Rakkina Gaaʼela Keessatti Uumamu
13 Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee, 14 ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, "Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne" jedhee, 15 abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan. 16 Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; "Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe. 17 Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti." Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan;