Iddoo Aarsaa Kennaa Gubamuu
1 "Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dhundhuma sadii ol dheeratu ijaari; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu. 2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchi; gaanfaa fi iddoon aarsaa sun mukuma tokko irraa haa taʼu; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisi. 3 Miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchi. 4 Naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjedhuutii tokkoo tokkoo rogawwan gingilchaa sanaa afraniif qubeelaawwan naasii tolchi. 5 Gingilchaa sanas akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol kaʼuuf qarqara iddoo aarsaa jalaan kaaʼi. 6 Iddoo aarsaa sanaafis danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii naasii itti uffisi. 7 Danqaraawwan sunis akka yeroo iddoon aarsaa baatamutti gama lamaaniin oolaniif qubeelaawwan keessa haa loofaman. 8 Akkuma tulluu irratti sitti argisiifame sanatti iddoo aarsaa kan keessi isaa duwwaa taʼe saanqaa irraa hojjedhu.
27:9-19 kwf – Bau 38:9-20