Iddoo Aarsaa Ixaanaa
1 "Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi. 6 Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi.
7 "Haaruun yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu. 8 Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula Rabbii Allaah duratti aaruuf Haaruun yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu. 10 Haaruunis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Rabbii Allaahaf waan hundumaa caalaa qulqulluu dha."