20 Allaahanis, "Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii shamaayʼun keessa haa barrisan" jedhe. 21 Kanaafuu Allaahan uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Allaahanis wanni kun akka gaarii taʼe arge. 22 Allaahanis, "Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan" jedhee isaan eebbise. 23 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
24 Allaahanis, "Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu" jedhe. Akkasumas taʼe.