Haagaarii fi Ismaʼiil
1 Saaraan niitiin Ibraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Haagaar jedhamtu tokko qabdi turte; Haagaaris nama biyya Gibxi turte; 2 Saaraanis Ibraamiin, "Kunoo Rabbii Allaahan ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii" jette.
Ibraamis waan Saaraahiin jette fudhate. 3 Erga Ibraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Haagaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.