6 Guyyaa afurtama booddee Nuuhi foddaa dooniitti baasee ture sana bane; 7 innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture. 8 Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge. 9 Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nuuhi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche. 10 Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge. 11 Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nuuhi akka bishaanichi gad hirʼate beeke. 12 Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine.
Publicidade
Publicidade