13 Guyyaa itti aanutti Muusaan sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate.
17 Abbaan niitii Muusaa akkana jedhee deebise; "Wanni ati gootu kun gaarii miti. 18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu. 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Allaahanis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala."
24 Muusaanis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe.