Caabii Itti Dhiqatan
17 Ergasiis Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 18 "Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi. 19 Haaruunii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. 20 Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti, 21 akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Haaruunii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa."