6 Yuusuf guyyaa itti aanu ganama isaan bira dhaqe; kunoo utuu gaddanii jiranuus isaan arge. 7 Innis, "Fuulli keessan harʼa maaliif akkana dukkanaaʼa?" jedhee qondaaltota Faraʼoon warra isa wajjin mana gooftaa isaa keessa mana hidhaa turan sana gaafate.