Kudhan Keessaa Harka Tokko
22 Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi.
29 Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Rabbii Allaahan kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf.