Pular para o conteúdo
Publicidade

Uumama 11

5 Rabbii Allaahan garuu magaalaa fi gamoo isaan ijaaraa turan sana ilaaluuf gad buʼe. 6 Rabbii Allaahanis akkana jedhe; "Erga isaan akka saba tokko kan afaanuma tokko dubbatuutti waan kana hojjechuu jalqabanii, yoos amma wanni isaan hojjechuuf karoorfatan kan isaaniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiraatu. 7 Kottaa mee gad buunee, akka isaan wal hin hubanneef afaan isaanii waliin dhoofnaa!"

8 Kanaafuu Rabbii Allaahan achii isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse; isaanis magaalaa ijaaruu dhiisan. 9 Waan Rabbii Allaahan achitti afaan addunyaa hunda waliin makeef iddoon sun Baabilon jedhame; Rabbii Allaahan iddoo sanaa isaan baasee lafa hunda irra isaan bittinneesse.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também