7 niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yuusuf irra buufattee, "Kottuu na bira gaʼi!" jetteen.
8 Inni garuu didee akkana isheen jedhe; "Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Allaahatti cubbuu hojjedha ree?" 10 Isheen guyyuma guyyaan Yuusufitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide.
11 Gaaf tokko Yuusuf hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre. 12 Isheenis wayyaa isaa qabattee, "Kottuutii na bira gaʼi!" jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.