13 Kanaafuu Allaahan Nuuhiin akkana jedhe; "Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa. 14 Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi. 15 Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi. 16 Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu.
Publicidade