Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 11

Dhaʼicha Hangafa Irra Gaʼe

1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa. 2 Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi." 3 Rabbii Allaahan akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Muusaan biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.

4 Muusaan akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedha; Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba. 5 Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa. 6 Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa. 7 Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.Isinis waan kanaan akka Rabbii Allaahan Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu. 8 Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!jedhu; anis ergasii nan deema." Muusaanis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.

9 Rabbii Allaahan Muusaadhaan, "Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida" jedhe. 10 Muusaa fi Haaruunis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Rabbii Allaahan garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.

Veja também