Pular para o conteúdo
Publicidade

Baʼuu 2

5 Yeroo sana intalli Faraʼoon dhagna dhiqachuuf gara laga Abbayyaatti gad buute; dubartoonni ishee tajaajilanis qarqara laga sanaa irra asii fi achi dedeemaa turan. Isheenis guuboo sana shambaqqoo keessatti argitee akka dhaqxee fidduuf garbittii ishee ergite. 6 Isheenis guuboo bantee mucaa sana argite; kunoo mucichis booʼaa ture. Isheenis garaa laafteefii, "Kun daaʼimman Ibrootaa keessaa tokkoo dha" jette.

7 Obboleettiin mucichaas intala Faraʼooniin, "Akka isheen hoosiftee siif guddiftuuf dhaqee dubartoota Ibrootaa keessaa guddiftuu tokko siif waamuu?" jette.

8 Isheenis, "Eeyyee, dhaqi" jetteen. Intalli sunis dhaqxee haadha mucaa sanaa waamte. 9 Intalli Faraʼoonis dubartittiidhaan, "Mucaa kana fuudhii naa hoosisi; ani mindaa kee siifin kennaa" jette. Dubartiin sunis daaʼima sana fuutee hoosifte.

Veja também