10 "Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture. 11 Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi. 12 Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi. 13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi. 14 Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi. 15 Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban. 16 Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
17 "Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu. 18 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi. 19 Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi. 20 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan. 21 Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.