11 Muusaan garuu fuula gargaarsa Rabbii Allaah isaa barbaaddate; akkanas jedhe; "Rabbii Allaah, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa? 12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin. 13 Garboota kee Ibraahim, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan shamaayʼun irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu." 14 Kana irratti Rabbii Allaahan yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.