7 Ergasii Yuusuf abbaa isaa Yaaʼikuubin fidee fuula Faraʼoon duratti dhiʼeesse. Erga Yaaʼikuub Faraʼoonin eebbisee booddee, 8 Faraʼoon, "Umuriin kee hammam?" jedhee isa gaafate.
9 Yaaʼikuubis Faraʼooniin akkana jedhe; "Barri ani keessummummaan jiraadhe waggaa dhibbaa tokkoo fi soddoma. Baroonni koos muraasa; hamaadhas; innis bara abbootiin koo keessummummaan jiraatan sanaan wal qixxee miti." 10 Kana booddee, Yaaʼikuub Faraʼoonin eebbisee fuula isaa duraa gad baʼe.
11 Yuusufis akkuma Faraʼoon isa ajajetti abbaa isaatii fi obboloota isaa Gibxi keessa qubachiise; lafa lafa hunda caalu, aanaa Raamsee handhuuraa godhee isaanii kenne. 12 Akkasumas Yuusuf abbaa isaatiif, obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiran hundaaf akkuma baayʼina ijoollee isaaniitti midhaan kenne.