Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Iyoobii 38

4 «Yennaa ani hundee lafaa dhaabe

ati eessa jirtaayyu?

Hubantii yoo qabaatte natti himi.

5 Haga lafaa ka murteesse eennu?

Isii irralle’etti sarara miki’ii38:5 Mikii: Meeshaa miki’iititti fayyadamiisaan haga wonni tokko dheerattu yookiin badhattu beekiis. ka diriirse

eennu akka te’e hin beettaa?

6 Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte?

Dhakaa roga isi’iille ka dhaabe eennu?

7 Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu,

ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu

ati eessa jirtaayyu?

8 «Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote,

balbala madda isi’ii ka cufe eennu ree?

9 Abbaayaa duumensaan uffisee,

dukkana dimmalle’een ka isii golle ana.

10 Meessaalle itti godhee,

balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.

11 Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu!

Danbaliin teeti jadduun

asitti dhaabbatuu ti!ka jedhe ana.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também