Seexanni Iyoob Ataabe
1 Nami maqaan isaa «Iyoob» jedhamu ka lafa, «Uzi» jedhantu keessa le’u tokko jiraayyu; inni nama komii hin qanne, qajeelaa, ka Waaqa sodaatuu fi ka waan hantuu irraa fagaate. 2 Inni ilmaan torbaa fi ijoollee durraa sad, 3 hoolee kuma torba, gaala kuma sad, qotiyyoo ximmaadii dhibba shan, harree dhibba shanii fi tajaajiltoota hedduu qabaayyu. Worra gara aduun baatu jiru keessaa dureessi isa gewu hin jiruuyyu.