Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Iyoobii 1:13-19

Dhuma Ijoollee Iyoobiitii fi Badii Karra Isaa

13 Gaafa tokko ilmaan Iyoobiitii fi ijoolleen durraa ta isaa mana obboleessa angaficha ifiititti nyaataa, daadhii woyni’ii uniisatti adoo jiranuu, 14 nami ergame tokko gara Iyoobii dhufee, «Nuuti qotiyyo’oon qotiisatti jirruun, harreeleelle kaloo nu biraa dheediisatti jirtuun, 15 dedhuma namooti Sheeba’aa isaan lolanee, tajaajiltoota shallaaga’aan ijjeesanee, horii dannabanee deemane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.

16 Adoo ergamaan sun dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Mandiisuun buutee hoole’ee fi tajaajiltoota teeti fixxe; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.

17 Inniin kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Worri Kaldootaa addee saditti qoodamee, dedhuma nu lolee, gaala duudii fudhatee deeme; tajaajiltootalle shallaaga’aan ijjeese; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.

18 Ergamaan kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Ilmaan teetii fi ijoolleen durraa teeti mana obboleessa angafichaatitti nyaataa, daadhii woyni’ii uniisatti jirtuun, 19 dedhuma hobonbolattiin goomolee irraa dhuttee, roga manaa arfanuu dhoottee, manni isaan irratti jigee dhumatane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.