4 «Yennaa ani hundee lafaa dhaabe
ati eessa jirtaayyu?
Hubantii yoo qabaatte natti himi.
5 Haga lafaa ka murteesse eennu?
Isii irralle’etti sarara miki’ii38:5 Mikii: Meeshaa miki’iititti fayyadamiisaan haga wonni tokko dheerattu yookiin badhattu beekiis. ka diriirse
eennu akka te’e hin beettaa?
6 Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte?
Dhakaa roga isi’iille ka dhaabe eennu?
7 Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu,
ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu
ati eessa jirtaayyu?
8 «Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote,
balbala madda isi’ii ka cufe eennu ree?
9 Abbaayaa duumensaan uffisee,
dukkana dimmalle’een ka isii golle ana.
10 Meessaalle itti godhee,
balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.
11 ‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu!
Danbaliin teeti jadduun
asitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana.