Xumura
7 Rabbii Allaahan erga waan kana Ayyuubitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; "Sababii isin akka Ayyuub garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera. 8 Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Ayyuub dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Ayyuub garbichi koo duʼaa isinii godha; ani duʼaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Ayyuub garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii."