2 gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi; 3 akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa. Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida. 4 Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqeffatamtoota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqeffatamtoota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru. 5 Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha. 6 Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha Rabbii Allaahan.
Ermiyaas 19:2-6
Em outras traduções
- ONOCV New Oromo Contemporary Version
2 ገረ ሱሉለ ቤን ህኖምት ከን በልበለ ከረ ቅራጪ ብራ ሰነ ዸቅ። አችትስ ዱቢ አን ስት ህሙ ለብስ፤ 3 አከነስ ጄዽ፤ ‘ያ ሞቶተ ይሁዳቲፊ ሰበ ዬሩሳሌም ዱቢ ዋቀዮ ዸገኣ። ዋቀዮ ዋን ሁንደ ደንደኡ፣ ዋቅን እስራኤል አከነ ጄዸ፦ ዸጌፈዻ! ኩኖ፣ አን በላ ጉረ ነመ ዋን ሰነ ዸገኡ ሁንደት ህንቶሌ ቶኮ እዶ ከነት ነንፍደ። 4 እሳን ነ ዺሰኒ እዶ ከነ እዶ ዋቆተ ኦርማ ጎዸኒሩቲ፤ እዶ ከነትስ ዋቆተ እሳን ዮካን አቦቲንሳኒ ዮካን ሞቶትን ይሁዳ ህንቤክኒፍ ኣርሳ ጉበሙ ዽኤሰኒሩ፤ እዶ ከነስ ዺገ ነሞተ በሌሳ ህንቀብኔቲን ጉተኒሩ። 5 እሳን እልማንሳኒ ኣርሳ እብዳን ጉበሙ ጎዸኒ በኣሊፍ ዽኤሱፍ እዶ ኦል ከኣ በኣሊፍ እጃረኒሩ፤ ኩንስ ዋን አን እሳን ህንአጀጅን ዮካን መቃ ህንዸእን ዮካን ያደኮ ኬሰዩ ህንቱርኒዸ። 6 ከናፉ ቤከዻ፤ በር እት ነሞትን እዶ ሰናን፣ ስአች ሱሉለ ቀልማ ጄዸኒ ዋሙ መሌ ቶፌት ዮካን ሱሉለ ቤን ህኖም ህንጄኔ ንዹፈ፣ ጄዸ ዋቀዮ።
- HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental
2 gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi; 3 akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida. 4 Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru. 5 Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha. 6 Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha Waaqayyo.
Direitos das traduções citadas
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.