Pular para o conteúdo
Publicidade

Baʼuu 12

24 "Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa. 25 Isinis yeroo biyya Rabbii Allaahan akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa. 26 Yommuu ijoolleen keessan, Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?jedhanii isin gaafatanitti, 27 akkana jedhaa isaanitti himaa; Kun qalma Faasiikaa Rabbii Allaah ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’ " Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan.

Veja também