10 Erga Ayyuub michoota isaatiif duʼaa godhee booddee Rabbii Allaahan deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef. 11 Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Rabbii Allaahan isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
12 Rabbii Allaahanis kan duraa caalaa jireenya Ayyuub kan fuul duraa eebbise. Ayyuubis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture. 13 Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture. 14 Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase. 15 Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Ayyuub babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef.
16 Ayyuubis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge. 17 Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.