23 Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Ogeessi, ogummaa isaatiin hin boonin;
yookaan namni jabaan, jabina isaatiin hin boonin
yookaan sooressi, sooroma isaatiin hin boonin;
24 namni boonu garuu,
akka ani Rabbii Allaahan garaa namaaf laafu,
kan lafa irratti murtii qajeelaa fi qajeelummaa hojjetu taʼe
hubatee na beekuu isaatiin haa boonu;
ani waan kanatti nan gammadaatii,"
jedha Rabbii Allaahan.