14 Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu!
Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin!
15 Namichi, "Daaʼimni tokko jechuunis
ilmi siif dhalatee jira!" jedhee abbaa kootiif oduu fidee
akka malee isa gammachiise sun haa abaaramu!
16 Namichi sun akkuma magaalaawwan
Rabbii Allaahan gara laafina malee garagalchee haa taʼu.
Inni ganamaan wawwaannaa,
saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu.
17 Akka haati koo qabrii naa taatuuf,
akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf
inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.
18 Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf
jireenya koos qaaniin fixuuf
gadameessa keessaa baʼe?