Pular para o conteúdo
Publicidade

Jeremias 31

31 "Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,

mana Yihuudaa wajjinis

kakuu haaraa galu ni dhufa,"

jedha Rabbii Allaahan.

32 "Kakuun kunis kakuu ani,

yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee

harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,

kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu

isaan cabsan sanaan tokko miti"

jedha Rabbii Allaahan.

33 "Kakuun ani yeroo sana booddee

mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha" jedha Rabbii Allaahan.

"Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;

garaa isaanii keessattis nan barreessa.

Ani Allaah isaanii nan taʼa;

isaanis saba koo taʼu.

Veja também