Fayyisaa Israaʼel Tokkicha
1 Amma garuu yaa Yaaʼikuub, Rabbii Allaahan inni si uume,
yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha:
"Ani si fureeraatii hin sodaatin;
ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
2 Yommuu ati bishaan keessa dabartu,
ani si wajjinan jira;
yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan.
Yommuu ibidda keessa deemtu,
ati hin gubattu;
arrabni ibiddaas si hin gubu.