Faarfannaa Iddoo Dhaaba Wayinii
1 Ani naman jaalladhu sanaaf,
faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha:
Michuun koo gaara gabbataa irraa
iddoo dhaabaa wayinii qaba.
2 Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee
wayinii filatamaa isa irra dhaabe.
Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree
boolla wayinii itti cuunfan illee qote.
Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate;
inni garuu ija hamaa qofa kenne.
3 "Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa,
mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa.
4 Waan ani godheef kana caalaa
wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali?
Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti
inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate?
5 Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru
isinitti nan hima;
ani dallaa isaa nan diiga;
innis ni bada;
dallaa isaa dhagaa nan jigsa;
innis gad dhidhiitama.
6 Ani isa nan onsa;
mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu.
Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata.
Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja."
7 Iddoon dhaabaa wayinii
Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel;
namoonni Yihuudaa immoo
iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha.
Inni murtii qajeelaa barbaade;
garuu dhiiga dhangalaafamu arge;
qajeelummaa barbaade;
garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.