15 "Haati daaʼima ishee kan hoosiftu
irraanfachuu ni dandeessii?
Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?
Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
16 Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera;
dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.