3 Inni nama biratti tuffatamee jibbame;
inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha.
Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii,
inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
4 Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;
gadda keenyas baate;
nu garuu akka waan Allaahan isa dhaʼeetti,
akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
5 Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;
balleessaa keenyaafis caccabsame;
nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;
madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.